Xalayaa_Jaalala_Harmeekoof

Harmeekoo si haa gahuu nagaan koo inni onnee burqituu jaalala dhugaa irraa madee kochoo basee qilleensa irraa balali’e galanaa dimaa addaan kutee gareewan irraa qaxaa muree si haa gahuu nagaan koo harmeekoo hortee kumaaf kittilaa deessuu beektotaf gototaa adduunyaa.

Haadhakoo garaa lafetii arjaa garamii hundaaf toletikoo ati Arjumaan kee madaalii hin qabu Ijoollee keef ormaa ijaa tokkon ilalata hundumaa qixumaa Ijoollee kee harkaa tokkon nyaachifte obaftee beelaf dheebbuu baftaa. Kan sitti dhihaatani ilmaan kee waajiin kabajaf jaalalan jirachuu barbadafis garaan haadhuma kee tilamamun ni ulfata akka waan mixaxee cinisifate deessetii ija tokkon isan ilalta kan kees isan godhaate guddifachaa gotees isaan guddifata qabenyaa kees qixaa isanif qodaa yoo barbadaan damma yoo barbadaan anaanif dhadha warqedhafii meetii maal kana qofaa oyiruu kee maraa kan sif tolanif kan sin toleefis kan sitti kiyyoo xaxanii fi kan garaa kee keessa bahaa si salphisani ormaatii michomani qe’ee kee diganiifis qixaa qodaafii qabeenyaa kee ,ijumaa jaalala tokkon isan ilalta.


Garuu maal godhaa harmeekoo warumati guddifacha gotee guddifatetu mataara si ta’aanii golaa keetii ol darbaanii Ijoollee kee qe’ee kee keessa gadii yaasani Ijoollee kees lubbuun jirachuf jechaa carraf hiree jireenyaa isani barbadachuf jechaa adda adda fafaca’anii garaa biyyaa hambaa fi biyyoota ollaatii baqachuuf murtesanii kan karaa gubbaatii hirbaataa raasasa kan hirbataa bineesaa kan immo akka kosii galanaatii gadii darbatamanii kan lubbuun hafaani giddiraa hunduma darbanii irraa hafaanii darbaan immo kunoo biyyaa arabaa keessatii kan marataanii bakke keessa jorruu akka sarree gataa barbadatanii nyaatuu kan mana hidhaatii ukamfamanii bishaan ittin qonqoo jifatan dhabanii sombii xaxa’ee kan wan nyaatan dhabbaanii kan waan ufataan dhabbannii pestalii gataan itti gatamuu ufatanii lafaa gogaa irraa cisuu waldhansaf gargarsa dhabbanii guyyaa guyyaatti oso hin tanee seekkedif daqiqatii du’a ijoollee kee arguun natii ulfatee. haadhakoo imiman kee bara bara sira qoruu didee jaarraa lakkofsise kan ati naf ta’a dhalaa kootii gaddaammeessa koo keessa bahee jettus sif hin tole hardhaa akka dhugaan kee ukamfamee ijoollee kee guyyaa guyyaattii dhibbotan kan lakkaa’aman akka bineensati adamfamani ajjeeffama jiruu akka dhugaan kee shiraa dinaan agugaame qe’een kee jeqaame golii kee gaaddaafi bo’ichaan akka gutee jiru adduunyaa gutuutu beekaa.

Amanuun Dadhabe

Yaa harmee koo dhamsaan sif qabu Ijoollee kee warraa kabaaf kibbaa warraa bahaaf dhihaa warraa keessaf ala waalliitti wamii tokkuma Ijoollee kee cimsadhuu wardinyaa qe’ee kee eguus jabefadhuu kan sif toluf sif hin tolees addaan basii akekadhuu! ati anaf hadhaa kootii harkaa keraa nyaadhee dhugeen beelaf dhebbuu bahee guddaadhe Hardha sira fagadhuus ani yoomiyu ilmaa keetii atis harmee kootii warra sif tolani si kabajanii si fanaa jiratanif kabajan qabaa kan kabaja sif hin qabnefis kabaja hin qabuu qixaa kaminuu si biran jira harmeekoo oromiyaa hangaa dhufee bakkee kee isa umaman kukulame magarisa simboof surraa qabessa sana dhufee argutii obsa dhaban jira. Harmeekoo oromiyaa waqayyoo ummaan nagaa qe’ee keef golaa keef haa Latuu .Ijoollee keef immo tokkummaa nagaa fi jaalala isanif haa latuu.


Sirbaa ilmaa kee ati baay’ee jaalatuu isa utu sif asif achii figuu jireenyaa mataa isa dhisee utu sif jiratu utu sif dhimuu shiraa halgaan of biraa dhabnee amanu nuti ulfatee hardhaa dhufaa bor dhufaa jenee garaa kutaachuu dadhabnee karaa ilalu inni garuu iddoo dhugaa jira lubbuun isa jaannatatii haa qananituu
Sirbaa ilmaa kee jaalatamaaf kabajamaa
artist Haacaaluu hundeessa
Si aferaa nan hima nan hima
Nan hima waa’ee kee hin calisu argee


……

Harmeekoo oromiyaaf
Ilmaa kee oli dinqisa
Amerikaa magalaa California irraa
Harmee koo Nagaatii iji nagaan waal nu haa arguu

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *