Waa’ee qaama hormaataa dubartootaa irratti jette jetteen dhugaa hin taane hedduutu miidiyaa hawaasummaarra deemu. Dubartiin tokko ilaalcha kana sirreessuuf hojii eegalteetti.
Dr Jeen Gunter biyyoota Ameerikaa fi Kanaadaa keessatti waggoota 25’n darbaniif dhimma fayyaa dubartootaa irratti hojjechaa turte.
Hojiishee kan eegalte namoota Chaayinaa keessatti qaama saalaa isaanii keessa killee galchuun wal’aanan falmuudhaani.

Qaama walhormaataa keessa hanqaaquu(killee) kaa’uun yoo wal’aanan hormooniin akka hin daballe yookiin akka hin hir’anne gargaara jedhu.
Akkasumallee marsaa laguu to’achuu fi maashaa fincaan to’atu deeggaruuf fayyadu kanneen jedhan sirrii miti jettee kaate Dr Gunter.
Hanqaaquu qaama saalaa keessa kaa’uun biyya Chaayinaatti baay’inaan kan mul’atu yoo ta’u garuu mala aadaatiinis saayinsiitiin deggarsa hin qabu.
Dubartiin tokko waa’ee qaama saalaa ishee wantoota beekuu qabdu shanan akka armaan gadiitti keesseetti Dr. Gunter.
1 – Fuchii ykn vagina fi qaamni saalaa gara alaa ykn vaalvaan wal-adda
Vagina ykn fuchiin qaama gara keessaati- maashaa ujummoo ulaa gadameessaa qaama alaa waliin walquunnamsiisu jechuudha. Kan alarraa mul’atu ‘vaalvaa’ jedhama.
Gunter jechoota kanneen adda baasanii beekuun dirqama jetti, jecha hin ibsine fayyadamuun sirrii akka hin taanes dubbatti.
”Maqaa qaamota hormaataa kunneen yoo sirriitti hin waamtu ta’e jecha safuu ykn qaanii akka ta’e agarsiisaa jirta jechuudha” jetti Gunter.

Akka Gunter jettutti qaamolee kunneen sirriitti waamuu dhabuun miidhaa xiinsammuu qofa osoo hin taane dhiibbaa fayyaas qaqqabsiisuu mala.
2 – Vagina ykn fuchiin ofiin of qulqulleessa
Gunter ilaacha dubartoota qaama hormaata isaanii qulqulleessuuf jecha dawaa biraa fayyadaman jijjiiruuf waggaa 10 hojjetteetti.
Vagina ykn fuchii qulqulleessuuf wanti alaa itti dabalamu tokkollee jiraachuu hin qabu jetti Gunter.
”Inni ofiinuu uumamaan of qulqulleessuu danda’a” jette.
Bishaannillee miidhaa qabaachuu dubbatti. Dhibeewwan saalqunnamtiin daddarban fiduuf carraa bana jetti.
Qayyachuun ammoo waan hin malle qofa osoo hin taane gubachuuf saaxiluu danda’a.
Kanaachi qaamagara alaa ‘Vaalvaa’ bishaaniin qulqulleessuun ni danda’ama.
Seelonni ‘vagina’ sa’atii 96 keessatti of haaressu, kanaafuu yoo hubamanis dafanii fayyu jechuudha.
3 -Vagina ykn fuchiin akka ooyiruu qonnaa tokkooti
Vagina ykn fuchiin baakteeriyaa bu’a qabeessa kan fayyummaasaa eeguuf uumamaan qaba.
”Sirni ‘vagina microbiome’ jedhamu baakteeriyaawwan hedduu kanneen fayyummaa isaa eegan hedduu uumamaan qaba” jetti Gunter.
Baakteeriyaa bu’a qabeessi qaamni walhormaataa dubartootaa uumamaan qabu kun naannoo isaatti asiidii gadi dhiisuudhaan baakteeriyaawwan balaa qaqqabsiisan qolata.
Kanaafuu meeshaalee qoricha farra baakteeriyaa cuuphamaniin keessa qaama hormaataa dubartii miiccuun dhiibbaa qaba.

Madaallii baakteeriyaa uumamaan jiruu eeguun barbaachisaadha.
Dabalataan Gunter kan gorsitu dubartiin kamuu meeshaa rifeensa ittiin qoorfataniin qaama alaa dubartii akka hin qulqulleessine gorsiti.
Sababni isaa gogaan naannwa sana jiru jiidha qabaachuu qaba waan ta’eef jetti.
4 -Rifeensi qaama hormaataarratti sababa malee hin biqille
Dubartoonni wayita qaama saalaa isaaniirraa rifeensa haadanii fixan kan taajjabaa turte Gunter garuu balaa guddaa baata jetti.
”Rifeensi waa malee qaama saalaa irratti hin biqille. Sababa mataasaa qaba. Waan fayyaduuf qaba. Qaama hormaataa balaarraa kan eeguu fi hubamuu gogaa kan ittisuudha”
”Tokko tokkoon rifeensa narvii qaama saal qunnamtii waliin walqabatee waan jiruuf kukkutuun walquunnamtii saalaa irrattis dhiibbaa guddaa qaba.”
5 – Akkuma umuriin dabaluun vagina ykn fuchiin miidhamaa deema
Laguu ji’aa waggaa dheeraaf erga arganii fi daa’imman hedduu erga godhatanii booda oovaariin hanqaaquu oomishuu ni dhaaba, laguunis ni dhaabbata.
Hormooniin hormaataaf fayyadu hir’achaa deema. Kun hunduu vagina ykn fuchii irraan dhiibbaa geessisa.
Kanaafuu dubartoonni waan uumamaa kana beekanii of dhiphisuu dhiisuu qabu jetti Gunter.
