Seenaa jaalalaa Murteessuun Ulfaatu

Seenaa jaalalaa kana erga dubbistanii boodaa murtii mataa kessannii kennaa

Bara 1977 bakka amma magaalaa incinnii jedhamu kan godina shawaa lixaa keessatti argamu keessatti namonni lama osoos himalaan wal lolanii poolisiin isaan qabe mana sirreesaa isaan galche. namoonni lamaan kun obboo tarrafaa fi obboo galaasaa jedhamu. Poolisiin sababa wallolaniif gaafanaan isaan lachuu dubbachuu didan .kanumaan kan ka’e naannoo ji’a tokkoof achuma akka turan itti murtaaye.

Obbo tarrafaan sababaa dhukkuba sombaaqabuuf dhibeen isaa itti cimee , jireenyimana sirreessa waan itti cimeef daddabalee akka isa baasan gaafatus sababaa namakanaan wal lolaniif hanga himutti akka isahin hiikne himaniif .haaluma kanaan obbotarrafaan haala nama gaddisiisun ganamadu’anii argamaan .obbo galaasatu ajjeeseakka hin jenneef kutaa addaa addaa ture kanisaan itti hidhaman. Abbaan koo yeroo sanapoolisii Aanaa sanaa ture. Haaluma kanaaninnis sababaa isaan wal lolaa turaniifhumnaanis tahu kadhatee obbo galaasa irraadhagayee . bultii lamaa osoo hin guutinmootummaan somaaliyaa itoopiyaa irrattiwaraana waan labsiteef dargiin abbaan koosakka duulu godhe.kanumaan kan kahe dhimmi namoota kana achumaan cufame.obbo tarrafaan osoo hin du’iin dura ijolle lama qaba ture dhiira umurii 2 fi dubra ji’ajaha hin geenye ture.obbo galaasanis abbaadhirota lama turan. bara 1983 dargiinmo’atamnaan abbaan koo biyyatti deebie ambotti gale .

kanuuma osoo jirruu bara 1998 A.L.I darggagoonni lama kanbilisummaa galaasa fi meetii tarrafaajedhamaan moora keenya keessa kireefataniijiraachuu eegalan .bilisummaan darggagessabareedinni isaa durba mitii dhiirayyuunaasisu ture. qoosa jaalatus , xiiqii qabnaangaruu hanga dhiiga tufe dhiiga boo’ee waanxiiqeffate galmaaan gahutti nama duubattihin jenne dha. Ilkaan isaa aa’aadiin sunii firifeensi mataasa luuccaan durbahinaafisiisan sun mallatoosaa turan .irree finafti isaa ispoortiin wal irra tuulameesalphumatti darggagoo bareeda isataasiseera.meetiin intala obbo tarrafaatihiyyumaatti guddachuun ishee bareedinaishee haguuguu barbaadus waan milkaayehin fakkaatu. Diimtuudha.ijoota salphumattinama booji’uu danda’an qabdi.amalli ishee fisabboonummaan ishiin abbaa manaa isheebilisummaa irraa dhaalte nama guutuu isheegodheera. Jaalalli isaanii nama dhiba . namahundatu rajeefata. Yeroo tokko tokko osumaija keessa wal ilaalanii fajajanii hafu .daqiiiqa muraasa turanii of baru.harmeenkoos isuma isaan akkas ta’an kana argitee“ijoolle! kan Nagaa isiniif haa godhu “ jetteekolfitee dabartii. Isaanis qaanefataniikokkolfu .

ani dhugaa dubbachuuf isanamoonni erga wal fuudhanii jaalalli isaaniini hir’ata jedhamuu jaalala meetii fibilisummaa argeen soba ta’umirkaneeffadhe. Bakkeen hojii isaanii addaaadda dha.galgala yeroo manaatti galaanakka nama waggaa dheeraaf wal hin argineta’anii gaggabanii walitti maramu. achumaanxiqqoo turaani ija ija keessa wal ilaalani waldhungachuu itti fufu.Gaafa isaan asphaltii amboo irra basha’annamnii ilaaalee “akkam wal iraa bareedu!Safuu! “ hin jenne hin jiru yoon jedhe sobahin ta’u. meetii fi bilisummaan kan walfuudhan gufuu heddu darbanii ture. Obboogalaasan abbaan bilisummaa gaafa ilmiisaanii meeti intala obbo taraffaa waliiin waljaalachuu dhaga’u cimsee morme. Nidhekkame. Bilisummaanis kanumaan ka’edhoksee namatti osoo hin himiin meetiifudhatee magaalaa incinnii irraa garaambootti gale. Meetinis haati ishee akka hineyyamneef waan beekteef osoo namatti hinhimiin bilisummaa waliin ambotti baddeedhufte .

osuma kanaan jiranii meetiinulfooftee, gammachuu isaanii dachaandabalte . yeroo mucaan dhalachuuf jiini 5hafu isaan waa hunda mucaaf qophessaniituran. Uffata, kophee,xuxxoon,ashaanguliitin(meeshaa da’imman ittin taphattu) fi kkfbitanii. Maqaa mucaa isaanis yoo dhiira ta’e JAALALAA yoo durba taate JAALANNEEjedhanii moggasuuf walii galani. Yeroonisdeemee yeroo meetiin itti deessu gahe.Guyyaa wixataa tokko Akkuma tasaaciniinsuun ishee qabee. Yeroo sanabilisumman iddoo hojii ture.kanumaan ollaannaannoo sanaa jiru ishee fuudhe garahoospitaala ambootti ittiin qajeelan . meetiinbayyee cinqamtii , ni wixxirfatti , ni dhippatti. osoo kanaan jirtu ilma dhiiraa deesseegammadus dhiigni ishee akka malee lola’eewaan tureef akkasumas qaamonni isheehumnaa ol waan midhamaniif yeruma sanailmaa ishee osoo ijaan hin argiin addunyaakanarraa godaante.duute.bilisummaan biyyinagaadha jedhee yeroo dhufu waan manakeessatti taha jiru amanuu dadhabe.achumatti kufe of wallaale. Achii ka’eehirqinfatee booyee. Hin dubbatu garuuimimmaan qofa dhangalaasuu dhiisuu dide.Akka maraata godhate . takka of takkaimmoo addunyaa kana arrabsa . galgalumagaafa sanii sa’a sagaliin ka’e of rarraase.addunyaa kanatti Nagaa dhaame. Kiiisii isakeessaa xalayaan xiqqoon argamte innisakkas jedha. “gaaddisaa, anii fi meetiin ilmakeenya JAALALAA guddifachuuf hincarroomne. Ati abbaas haadhas ta’ii nuuguddisi.adaraa kana mana rabbiittan siharkaa fudhadha” kan jedhu ture.

Gaddisaanhiriyaa isaa akkasumas obbolessa koohangafadha.gaafa awwalchi isaanii borujedhamu ture osoo seenaan jarreen du’ankanaa barreefamaa jiru abbaan koo na’eebitittise. Abbaan koo duraan akka isaan kanobbo galaasa fi obbo tarrafaa ta’an hinbeekne ture. Erga bareen booda ka’efaayiloota bara dargii tartiibesse kutaa isaakaaye orfuu (barbaaduu) egale.achii ergaargate booda akkas jedhe nutti hime.Sabaabni obbo tarrafaan obbo galaasan walloleef osoo galaasan haadha manaa isaawaliin ejja (zinnia) dalaguu waan argeef ture.Meetiin kan obboo galaasa turte. Kanaaf tureobbo galaasan wal fuudhu jarreeni kancimsee morme.bilisummaa fi meetin obbolaa turan. osoo hin beekiin wal jallatanii osoo hin beekiin duuti isaan lachuu fudhatte.OBBOLAA LAMAAN.

Seenaa kana irra caalaa kanaan ijaa koo argeedha. Walakkaa abbaa koot natti hime. JAALALAN ilmi bilisummaa har’a waggaa 10. Mana obbolessa koo gaaddisaatti guddate.waa’ee warra isaatii jalqabaakaasee hanga dhumaatti kan gaaddisaa irraadhagaye akka oduu duritti irra deebi’eeodeessa . kan inni hin beekne yoo jiraateakka obbola lamaan irraa dhalatee qofadha.Boqonnaa university irraa galeen mucaakana argee garaan na hammaatee ,waayeeisaanii kana barreese.egaa murtessaa eenyuutu itti gaafatamaa seenaa gaddisiisa kanaati ? ani jaalalaan(love) jedha. Isinoo?

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *