Murteeffachuun Natti Ulfaate

Maqaan koo BG jedhamaa. kanan dhaladhee dachee magariistuu Oromiyaa kan taatee Godinaa Wallagaa bahatiidha. Abbaan koo barsiisaadha. Hatii koo immoo hojii qotisaa irraatti bobbotee hojjettii. Abbaan koo sababaa hojiitiif bakka bira jiraata ani umuriin koo hanga barnootaaf gahuntti hadhaa koo biraatan guddadhe. Umuriin koo barnootaaf gaafa ga’u  abbaa koo bira deemen barnoota koo eegalee barnoota kutaa 6ffaa gaafa ga’u hatii koo gara keenyaa dhuftee waliin jiraachuu eegallee. Anis jireenyaa bareeda osooman jiraadhu barumsa koo kutaa 10ffaa ga’e garuu akkuma caarraa ta’e qabxiin kutaa 10ffaa waan na hin dhufneef kollejjii naannoo keenyaa jiruutti deemen barumsaa IT Level IV /four/ baraachuu eegalee waaqayyoos na gargaree barumsaa koo coc isaa waliin waggaa lama keessatti xumuree bara 2009 hojii motummaa argadhee hojjechuu eegaleera.

Bara 2010 immoo barumsaa Digirii koo Accounting and finance tiin baraachuun eegalee jira. Osooman kanaan jiruu jijjirra hojii argadhee gara magaala Sabbataa jijjirameen jira. Kanaaf barnoota koos gara university naannoo kana jiruutu jijjireen baraachuu eeggaleen jira. Garuu guyyaa jalqaba gara mana barumsaa sana deeme mucaa class ani itti baraachuuf gale keessaa jiru irra ijii koo bu’e Yeroo barnoota xumurree banu isaa hiriyyoota isaa waliin ta’e gara koo dhufe Wal haa barruu na jedhe anis maqaa koo itti hime inni maqaa isaa natty hime maqaan isaa Abel jedhama. anis waan kanaatti baayyee waan na’eef yeroo murasaaf caaliseen ture garuu Jaalallii isaa na keessaatti guddachaa dhufe maal gochuun akka narraa jiratuuyyuu osoon hin beekin baayyee of miidhuun eegalee.

 Sin jaalladha jedhe itti himuun waan hin yaadamnee ta’e natty argamee waggaa tokkof akkasin osoon rakkachaa jiru. Gurban shaakalaa hojii gochuuf gara biiroo keenyaa dhufe tokko gaaffii jaalalaa na dhiyeesse anis yoon isaa waliin ta’e jaalallii Abel irraa na qabee jiruu na irranfachisuu danda’a jedhe waanan yaadeef. Isaa waliin ta’un murteessee garuu na irranfachisuu hin dandeenyee guyyaa tokko gara mana isaatti na waame yeroo isaa bira deemutti dirqiman na waliin wal-qunnamti salaa godhe. Guyyaa sana irraa kaasee isaa waliin ta’u akkan hin qabneen murteessee dhiseen. Sababiin isaas inni nama jaalalaan na bitee osoo hin taanee dirqaman kan na gudeedee waan ta’eef. Namni kun jalqaba akkuman jedhe nama ani jaalladhe jaalalaa isaattiin rakkacha jiru na irranfachisaa jedhen itti ga’e inni garuu madaa umurii guutuu na waliin ta’u na irran ga’e jira. Jaalallii Abel guyyadha gara guyyatti natty dabalaama dhufe jira. Kan nama aja’ibuu waa’ee isaa tokko illee hin beekuu jaalallee qaba fi hin qabu isaayyuu hin beekuu. Waan ani beekuu tokko isaa jaallachuu koo qofadha.

Yeroo amma kanatti Namni biran gaaffii jaalalaa na dhiyeessaa jira animmoo itti yaadeen murteessuu dadhabeen jira. Gaaffii jaalala isaa kana tole jedhe fudhannan Kan dhuma akkan inni ta’u waanan barbaaduuf garuu immoo ammas nama kana yoon jaallachuu dadhabeehoo maalan godha jedhen yaada. hanga har’attii guyyaa tokkof mititii daqiqa tokkof Waa’ee Abel yaaduu dhisuu hin dandanyee isaa irraa dhugaa na qabee jiraa. Yeroo tokko tokko ta’en yeroo yaadu osoon si jaalladhen jira ittiin jedhe itti hime maaltu ta’a jedhen yaada sababiin isaas ani yeroo amma kanatti nama kabajaa guutuu qabu miti. Maal gochuun danda’e jedheen yaadeen mata koo dhukkubsadha Abel akkan jaalladhu itti himeen waan inni na jedhu dhaga’ummoo? Isaa onnee koo keessatti dhiseen nama amma na gaafacha jiruuf tole jedhu? hiriyyoonni koo yaada keessaan akka naaf kennitan barbaada.

  • Money Earning

  • Speak English fluently

  • Canada jobs

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *