HAWWII KOO GANAMAA
Adeemsa jireenyaa keessatti wantoonni nama mudatan hin beekaman. Bakka yaannu ykn galma jireenyaa gahuuf daandii jireenyaa irra imallu irratti wantoota lakkoofsaan muraasa hin taanetu nu mudata.mudannaan kun bifa gammachuu qabuun ykn gaddaan kan makame ta’uu mala. maaliyyuu ta’u garuu seenaa ta’ee darba, nama woliin hin turu. Yeroo baay’ee yeroo gaarii dabarsinu osoo nu woliin tureefi irra deddeebiin nu mudatee hawwii keenya hunda. Isa gaarii hin taane immoo jireenya keenya guutuu osoo gaabbii isaa quba nyaannu jiraanna.
Maqaan koo Seeyfuun jedhama kanan dhaladhee guddadhe Godina Arsii lixaa Aanaa Adaabbaattidha. Galanni maatii kiyyaaf haa ta’uutii akkuma umriin koo barumsaaf gayeen mana barumsaa seenee akka baradhu na taasisan. Barnoota kiyyaan baay’ee cimaa ta’uu baadhus barataa cimaa jedhaameetuma yaamama. Barachuu caala waan jaaladhu hin qabu, barnoota kiyyaaf iddoo guddaa kenna. Mana barumsaa sadarkaa 1ffaa hanga mana barumsa sadarkaa 2ffaa maatii kiyya biraa baradha ture. Firii qormaata biyyoolessaa kutaa 10ffaa qabxii darbiinsaa argadhee gara mana barumsa qophaa’inaatti (preparatory) tti waan darbeef maatii woliin iddoon jiraadhu baadiyaa fageenya hedduus magaalaa irraa hin qabne ta’ullee garuu maatiin ifaadhaan haalli naa mijaa’ee gara magaalaatti siqee akka baradhu waan naan jedhaniif anillee maatiirraa adda bahee mana kireeffadhee barnoota koo itti fufuuf murteeffadhe.
Dhimma barnoota kootii irratti more xiyyaeeffannaa kan kennan harmee tiyyaa fi obboleessa koo hangafaa, ijoolummaa kiyyaan akkan nama gaarii ta’ee guddadhu hawwu, na jajjabeessuu fi akkasumas na gorsu turan. Mana kireeffadhee baradhus kan naaf barbaadee qabe obboleessa kiyya kanaadha. Naannoo ji’a onkololeessaa bara 2009 ALI tti kan bara san barnoota eegalle.
Bara kana dura barnoota koon ala dhimma jaalalaaf hammas hunda bakka hin qabun ture. jaalala ijaa uumama waan ta’eef darbee darbee na mudatuun ala jaalalaan miidhameen beeku xiyyeeffannaan koo guddaan barnoota koof barnoota koo qofa ture. Hadha maqaa isii guutuu dhayuun barbaadu. S jedhamti mucattii qalbii namaa fuutuudha. bifa isiif keessa isii madaala eegee ishee uumaan uume. Namoonni waa’ee nama jaalatanii barreessan ykn odeessan malleen dubbi keessaai arbeessuutti fayyadamuun waan namaa sanii olkaasanii haasa’uun baramaadha. Nama barreeffama isaanii dubbissuuf ykn sagalee isaanii dhaggeeffatuuf akka waan uumamni biraa hin jirreetti ibsuufiif yaalu. Inni kun dogoggora ta’us isaaniif garuu tasumaa dogoggora ta’uu hin danda’u, sababnisaa dhugaan waan jaalataniif isaaniif uumamni biraa gatii hin qabu waan ta’eef. Sn ishee yeroo jalqabaaf an jireenya kiyya guutuuf keessa kootti suuraa isii kaasee kaa’e, ofiif hawweedha. maatii an mana irraa kireefadhee baradhu irraa dhalatte. Bifaaf ammala isiillee isiii wolqixxee badhaafateedha. Maatiif mucattii ajajamtuudha. Hojii mana keessaa osoo ajaja hin eegiiniifi obboleeyyan isiitti osoon dhiisne ofiif itti gaafatamummaan yoo hojjattu na ajaa’ibdi ture. Ganama maatii ishee hunda dursitee kan kaatu isii ture. Bakka isiin jirtu mukaa’inni hin jiraatu, qoostee amala nama kolfisiisuu qabdi, jireenyi isii gammachuun kan guutameefi maaliyyuu yoo mudatan hin dhiphattu.
Bara kana isiinis kutaa 6ffaa baratti. yeroo kamuu halkan haa ta’u guyyaa yeroo an mana jirutti na bira dhuftee na dubbistee deemti. keessi kiyya deeddeebi’ee eega, olbaasee garuu yoo isii argu akka miira gammachuun guutamuufi jaaladhuun ittiin himuun ture. Amma amma yoo yaadu sodaa qabaadhus irra caala garuu eessayyuu najelaan deemtu, yeroo ni qaba ishiin tiyyuma jedhee abdii hawwiin guutameen jiraataa ture. Isiinis keessa kiyya qofa hubattee ka deddeebitu hin beeku osoo nan dubbisin ooltee hin bultu.
Dhuma bara sanii ji’a waxabajjii irratti barnoota koo kutaa 11ffaa waan xumureef mana isaanii lakkisee baye. Guyyaama mana sanaa baye halkan abjuun gaa’ela isii nama biraa woliin gootu halkan guutuu argaa ture. Keessi kiyya naasuu cimaan guutamee dhugaa natti fakkaate. Ganama ka’ee arguu qofaaf mana isaanii deeme. Ijaan isii argus madaa keessa koo jiru baasee himuufii hin dandeenne abdima irra kaayee fuula koo gara kaayoo kootti naannessee jireenya koo itti fufe. Magaalaa yoo deemu darbee darbee qofa arguunii jalqabe. Akka hin bilbilleef immoo isiin bilbila harkaa hin qabdu ture, manaallee hedduu baatee hin muldhattu.
Barumsa irra waan jirtuuf tarii immoo hariiroon isiin nama woliin eegaltu dhiphaa waan ta’uuf eessayyuu najelaan dhaxxu jedheen keessa kootti yaadaa barnoota koo itti fufe. Kutaa 12ffaa baran baradhu mana biraa waan galeef akka bara darbeetti arguu baadhuunis inuma argaan ture. Hawwii fi Abdii isii irraa qabu garuu ana malee isiin hin beektu. Rabbiif galanni haa ta’uutii qorumsa biyyoolessaa kutaa 12ffa qabxii seensa yuunivarsiitii waan argadheef bara 2011 immoo qaamanis irraa fagaadhee barnoota koo hordofuu itti fufe. Yeroo boqonnaa (break) maatii bira yeroo dhufu isiillee akkuma godhe godheen arga. Bara 2013 woggaa 3ffaan baradha isiinis kutaa 10ffaa akka barattu quba qabaani. Bara kana keessi koo ” kana booda si ga’a waan uumamu hin beeytu argachuuniis baattu mucattii kana akka jaalattu himiif haga yoom hawwiif abdii qofaan deemta? sarara diimaa ce’aarta himiif malee! ” naan jedhe anis abjuu gaafa jalqabaa arge waan yaadadheef yeroo kamuu caala waan dhuma isii yaaduu eegale. keessi koo tokko “barataa waan jirtuuf gaafa boqonnaaf deemtu qaamumaan himtaafi” yoo naan jedhu inni tokko immoo “lakki duraa barfatteetta bilbila isii barbaadii himuuyyuu sodaattu sagalee isii dhagayi” naan jedha. Hedduu naasuun natti dhagayamaa waan jiruuf bilbila isii barbaaduu eegale, yoo hin qabduuyyu ta’e ka nama itti dhiyaatuun dubbisuuf murteesse. Gaafa kamisaa ganama 2/7/2013 ture mucaa ollaa isaanii bilbila isii ka gaafadhe. “An bilbila isiin qabu, isiin bar gaafa 19/7/2013 heerumaartii” naan jedhe. Baay’een rifadhe, ganamni guyyaa sanaa galgala waan dhiye natti fakkaate, imimmaan gaabbii bakka dhufeen beeyne ija koo guute. Guyyaa kanayyuu ka dhaqqabe yoo xiqqaate jaalala qabuuf ibsuufiif murteessee, bilbila barbaaduu itti fufe. Bilbila obboleessa isii waan argadheef bilbileefii bilbila isii akka naa kennu gaafadhee naaf kenne. uuuuufff sagalee ciccitaan heloo baga jiraatte jedheen, erga naga woljijjiirree na bartee booda waan ta’e nattimte, yeroo muraasa dura heerumaaf gara maatiitiin gaafatanii isiinis heerumuuf murteessuu isii nattimte. Anis isii karaa irra jirtu deebisuuf osoon taane hawwii fi abdii dukkanaa’e isa barootaaf keessa koo ture baasee itti hime. Ta’uyyuu homaa godhuu akkka hin dandeenne isii mitii anuu beekan ture, barfadheera kaa, eeyyen barfadheeeeera…
Sirba Artistii kabajamaafi jaalatamaa kan yeroo kamuu onnee saba oromoo keessa jiru artist Haacaaluu Hundeesaa karaa bilbilaan dhageessiseenii bilbila koo cufadhe
“An osomaan sittima jedhuuu
Kan ormaa taate maal godhuu
HAWWII
Meeqatu guuttate hawwii jireenya isaa
Gammachuu argatee kan ciise garaan isaa
Nama meeqa laata kan harkaan ga’ate
Fedhii garaa isaatii hawwii kan dhuunfate
Meeqa duraas haftee hawwiin hawwii taate
== ====================
Eenyutu nattimia eenyu beeka laata
Eessa daangaan hawwii eessatti dhaabbata
Eessa irra qajeelee eessatti gufataa?
====================
Dhugaa ta’uu baannan hawwiin hawwii dhumaa
Kan qorichan qabne dhukkubu hundumaa!!!
Yeroo ammaa isii dhabuu koof keessi koo gaddaan guutamee dhiphinaan michoomeen jira maal akka dhufu garuu hin beeku
Kabajamtoota maatii fi hordoftaata chaanaalii oromia 24 yaadaa naaf qabdan karaa commentn naaf kaayaa! waan hawwitan hin dhabinaa Horaa bulaa!!
-
Money Earning
-
Speak English fluently
-
Canada jobs