Bara kana kuni naaf taati kunimmoo naaf hin taatu jenna malee nuti mataan keenya eenyuuf akka taanu eenyuufimmoo akka hin taane adda baafannee hin beeknu. Jaalachuunis jaalatamuunis carroomuudha. Lafa kanarra nama jaalalllee dhugaa argate malee carraa qabeessi boqonnaa qabu hin jiru. Jireenyi tirannaa hara’a tokko waliin borimmoo kan biraa waliin dhaabbachuun bor dhalaa fi jireenya ofirratti abidda qabsiisuu namatti fida. Haadhaa fi abbooliin keenya jireenyasaan kaleessa dabarsanirratti hundaa’uun haala ittiin jaalala dhugaa jaalachuu fi jaalatamuun danda’u waan kana shanan nu gorsu.
Waaqayyoon Galateeffachuu
Akka nama galateeffatuu sammuusaaf bilisoomaan hin jiru, dursaa fi booddesaaf hirkoo rabbiin kaawwateera. Ta’ii kam isa mudatu hundaaf Yaa Waaqa Uumaa Galatakee jedhee barraaqasaa jalqaba. Yoo Galateeffannu waan jireenya keenyatti hira’ate dhabna. Hiru’uun dhibee miti garuu waaqa uumaarratti abdii godhanna. Yeros waan barbaannu hafan abdiidhaan suuta suuta arganna. Nama waaqayyoon Galateeffatu kan barbaadu nama afaansaarra galanni hin dhibne bakka galataa nama jirudha. Gaafa galateeffattu kan galateeffatu argata jaalala galata qabu maatii galataa biyya galataas uumta. Kana ta’uu kan caalus aduu gadis aduu olis hin jiru.
Fakkeessuu Dhiisu
Akka nama fakkeessuu jireenyasaaf raafamaan hin jiru. Bakka tokkotti adii bakka tokkottimmoo gurraacha ta’a, otuma joonja’u gurraachis adiinis amalasaa sirrii wallaalee bira darba. Yookiin adii yookiin gurraacha ta’I malee hin fakkaatiin yoos kan ati fakkaattu dhufee si fakkaata. Kanaan ala garuu bor makaa adii fi gurraachaa taate jiruu daaleefaa jiraatta.
Qulqulluu Ta’uu
Kan jiraannu dachee nuffamtuu kanarra altakka qofadha, yoom akka duunullee hin beeknu. Umurii gabaabdu kana gammadanii abukaattoon sobaa otuu nama hin barbaachisiin of ta’anii dukkanaa fi ifa, qulqullootaa fi cubbamoota, gammadoo fi gadditoota, hamootaa fi gaarii yaaddota, du’otaa fi ajjeestota keessa jiraachuun kan danda’amu yoo qulqullaa’anidha. Kan qulqulluu ta’e namaafis waaqa birattis qaaliidha. Kan qaalii ta’emmoo yeroo kamuu qaaliidha. Yoo qaala’an maleemmoo nama qaalii argachuun ulfaataadha. Qaala’ufimmoo waaqa, nama ofis kabajuun, safuu eeguun, salfachuun dirqamadha.
Gad of Qabuu
Waanta hin qabne miti akka si jajaniif jettee waan qabduyyuu namatti hin odeessatiin. Kan qabdu hiyyummaankee soorummaankees fayyummaankees dhukkubnikees kanumakeeti. Hanga kankee ta’etti itti dabaltees irraa hiri’istees yoo haasofte ati nama akkanaadha jedhamta. Ati nama akkanaadha jedhamuunkeemmoo karaawwan gaggaarii jireenyakee keessatti dhufan si jelaa haqa. Gad of qabummaan danda’uun obsuun bakka siif hin malletti callisuun amala siif haa ta’u.
Of Gammachiisuu
Ofiif namni gammachuu hin qabne namni biraa nawaliin yoo hariiroo uume nan gammada jedhee yaaduun waanuma hin fakkannedha. Jalqaba of ilaali ani eenyu waantan qabuun haala kamiin gammachuu argachuun qaba jedhi yoos atis kan ofitti gammadu argattee gammadaa taate jiraatta.
Yoo kana hunda goote nama si jaalllatu barbaadda otuu hin taane ni barbaadamta carraa qabeesse waaqayyo siif erge qofaatu si argata.
Bakka Dogongorretti Dhiifama Waan itti dabalamu commentii jelatti nuuf barreessaa!
Galatoomaa!