Faayidaaleen bishaan gahaa dhuguu akkuma jirutti ta’ee, yeroo hunda utuu ilkaan hin rigatiin ganama ganama bishaan garaa duwwaatti burcuqqoo 2 hanga burcuqqoo 4 dhuguun immoo faayidaalee dabalataa heddu qaba; isaan keessaa muraasni:-
Dhukkuboota sirna hargansuu huban, fknf Biroonkaayitii,Asmii,fi kkf fa’af baay’ee gargaara.
Dhibee gaggabdoof ni gargaara.
Dhibee funyaanii, ijaa, gurraa fi qoonqoo irraa nu baraara
Foolii afaanii fi qaamaa badaa ta’e ni hir’isa
Gogiinsa garaa fi dhibee Kintaarootii nurraa ittisa
Ulfaatina hir’isuu fi rakkoolee ulfaatina garmalee guddaa ta’e waliin walqabatan hir’isuuf ni gargaara
Dhukkuba garaachaa nutti fooyyeessa
Dhukkuboota kalee garagaraaf ni gargaara
Bareedinna gogaaf hedduu tola fi kkf fa’a.
Asirratti erga dhugne booda ilkaanii fi afaan keenya qulqulleeffaanne,,wanta nyaatamu fi dhugamu biroo(bishaanin ala) osoo hin fayyadaamin hanga daqiqaa 30 turuun gaariidha.
Ilkaan osoo hin rigatin ganama akkuma hirribaa ka’aniin bishaan dhuguun sababa hancufni ganamaa afaan keenya keessatti argamu farra baakteriyaa qabuuf bishaan dhugame waliin garaachaa seenuun baakteriyaa garagaraa ajjeesuuf ni gargaara.
Hubachiisa: Namoonni tokko tokkoo bishaan hammamta armaan olitti jenne dhuguun itti cimuu, akkasumas fincaan isaan rakkisu waan danda’uuf suuta suuta of shaakalsiisuu qabu, kanaaf yoo dandeessan sochii qaamaa gochaa, ciree hojjechaa, wanta biraas kan hojjettan yoo ta’e hojjechaa yookin immoo sireedhuma keessan irra ciisaa suuta suutaan har’a burcuqqoo tokko boru immoo lama jechaa of shaakalchiisuu ni dandeessu, akkasumas faayidaaleen kunneen guyyaa muraasa keessatti dhufuu dhiisuu danda’u, torbee tokko lama yaalanii homaa jijjiirama hin qabu jedhanii abdii muruun hin barbaachisu, faayidaaleen kunneen dhufuuf yeroo dheeraa fudhachuu danda’u.
Galatoomaa!!
Olmaa gaarii!!!