Jalqaba bara kanaa dargaggoo ganna 23 kan ta’e Aniik – yaala qaama saalaa dhiiraa isa goonfachiisu marsaa dhumaaf of qopheessaa ture.
“Waggoota darban keessa doktorootaafi narsooti meeqa qullaa akka na argan lakkoofsa isaa hin beeku” jedha Aniik. “Waggoota muraasa darban qofa yeroo 100 ol ta’a.”
Aniik qaama saalaa guutummaatti kan dhiiraas ta’e kan dubartii hin fakkaanne waliin dhalate.
Akkuma dhiirota kaanii cidhaan ni qaba garuu bakki itti uumamaan sirrii hin turre. Kanaaf yaalli inni dura san sirreessuu ture, kunis dhalatee baatii afraffaatti raawwate.
Daa’imummaa isaarraa kaasee namni hedduun Aniik akka ijoollee dhiiraa warra kaan akka hin taane itti himaa turan.
“Anis waa’ee koo wanti addaa tokko akka jiru natti dhagaahama ture, maal akka ta’en hin beeku malee” jedha.
“Warri koo akka na jaalatan nan beeka garuu ammoo baatii jaha jahaan hospitaala na geessu, achiis doktoroonni waa’ee koo yoo haasa’an dogoggorri wayii akka jiru jechoota isaaniirraa naaf gala.”
Mana barumsaati hiriyoota argachuufis hedduu rakkata ture.
Irra deddeebiin of ajjeesuuf erga yaalee booda ganna 14’tti gorsa ogeessaa argatullee madda rakkoo isaa baasee ogeessatti himachuu hin dandeenye.
“Namni beekuun irra hin jirre kamuu akka beeku hin barbaadun ture” jedha.
Waggaa shan dura dargaggeessaa ganna 18 ta’ee namoonni akka isaa biraa jiraachuu bare.
“Sun jireenya koo irratti jijjiirama guddaa fide, ofitti qaana’uu akkan hin qabnes naaf gale” jedha.
Waggaa sadi booda bara 2016 ifatti namootatti himuu eegale.
Yaalli qaama saalaa dhiiraa guutuu argachuu isa dandeesisus Waxabajjii bara 2018tiif beellamame.
Kunis jaalala eegaluuf ofitti amanamummaa akka horatu isa taasise.
Guyyaa beellamaa waggaa tokko dura doktoroonni harka isaa bitaarraa gogaa qaama saalaa ittiin tolchaniif muranii qopheessan.
Kunis sirriitti fincaa’uus ta’e wal qunnamtii saalaa raawwachuu akka danda’uufi jedhame.
Jaalallee qabaatee kan hin beekne Aniik, qaama saalaa argachuuf ta’uun isa gammachiisullee, yoo jaalallee qabate akkamiin akka itti himu yaadda’aa turuu dubbata.
Guyyaan geessee yaaliin baqaqsanii wal’aanuu isaa nagaan xumurame.
Akka Aniik jedhutti amma wanti miila isaa lamaan gidduu jiru kan dura turerraa adda, “itti baruuf hagam natti fudhata laata jedhee yaaduun eegale” jedha.
Turtii hospitaalaa xumuree gara mana warraa isaatti gale, ta’us yeroo murtaa’eef manaa bahuu hin danda’u ture.
Erga hospitaalaa bahee booda akka kanaan dura hin baramneen dhukkubi gara garaa itti dhagaa’amuus harka hin laanne.
Amma yeroo mara seeqni fuula isaa irraa hin dhabamu.
“Waggaa darbe kana keessa jireenyi koo hagam akka jijjiirame jechootaan ibsuun na rakkisa” jedha.
Baatii lama booda yaala marsaa biraaf hospitaalatti deebi’e ture.
Ammas darbee darbee dhukkubni itti dhagahamus waggaa shanii hanga torbaa gidduutti yaala biraa isa hin barbaachisu.
Hospitaalatti deddeebi’uun waan hafeef, Yunivarsiitii irraa eebbifame keessatti hojii eegalee jira.
Yaaliin yeroo jalqabaaf jaalallee qabaachuuf godhe hin milkoofne, “Shamarreen jalqaba dubbise, ani dhiira sirrii akkan hin taane natti himte ta’us abdii hin kutanne” jedha.
Hariiroon warra isaa waliin qabus yeroo gara yerootti fooyya’aa jira.
Namoota rakkoo akka isaa qaban gargaaruu akka barbaadu dubbata.
“Ani amma nama biraati, rakkoon koo sun na waliin hin jiru. Wantin keessa darbe garuu namoota rakkoo wal fakkaataa qabaniif barumsa gaarii ta’a jedheen yaada” jedha.