Dargaggeessi dheerinaan Nagawoo Jimaa ‘nan caala’ jedhu  Argame

Maqaan isaa Awwaluu Buxxuulaa jedhama. Dhalatee kan guddate Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaatti.

Ilma horsiisee bulaa ta’uu kan himu Awwaluun, dheerinni isaa garmalee dabalee namoota caalaa dhufuu kan bare yeroo umriin isaa ganna 15 ture ta’uu yaadata.

“Ani Ijoollummaa kiyyatti loon tiksaa guddadhe. Booda mana barumsaa galee hanga kutaa saddeetii baradhe. Ani mucaa dhumaa waanin ta’eef abbaan kiyya ‘barumsa dhaabii karra kiyya dhaali’ jennaan qe’eetti deebi’ee niitii fuudhe,’ jedha.

Awwaluu Buxxuulaa

Awwaluun amma hojii horsiisa beelladaa keessaa bahee daldala irrattii hojjechaa jira.

Beeyiladaafi albuudota magaalaa Shaakisoo fi Finfinnee gidduu daldala.

“Shaakisoo yeroo ani hojiif bahu namni nalaalee kolfa. Kaan ammoo nadhaabanii waliin suura kaana jedhu. Sababa kanaaf jecha ani dheerina kiyya kana nan jibban ture,” jedha Awwaluun.

Dargaggeessi umuriin isaa ganna 24 kun, dheerinni isaa meetiraa lamaa fi seentimeetiraa 35 dha.

Ammatti hanga kana dheerachuu isaa kan bilbilaan himate isumadha.

Nagawoo Jimaa kan kana dura dheerinaan Itoophiyaa keessaa rikardii dheerinaa qabatee jiru meetira lamaafi seentimeetira 25 dheerata ture.

Namni dheeraan kan biraan naannoo Amaaraa irraa argaman ammoo Barihee Gaashuu jedhamu.

Obbo Bariheen dargaggoo Nagawoo Jimaa waliin wayita walargan hojjaadhaan Nagawoon caalee argame.

Awwaluu Buxxuulaa

Namoonni dhedheeroon hanga ammaatti beekaman sadanuu Itoophiyaa keessa ‘anatu dheeraadha’ jechuun dubbatu.

Eenyu hunda caalaa dheeraa akka ta’e garuu wayita isaan sadanuu walargan kan hubannu ta’a.

Awwaluun dheerina qofa osoo hin taane ulfaatina qaamaatiiniis nama laayyoo miti.

Hamma kuntaala tokkoo fi Ruubii (125KG) ulfaata.

Nagawoo Jimaa miidiyaa irrattin arga malee qaamaan hin beeku kan jedhu Awwaluun, ‘’dheerinni kun bu’aa qaba jedhee yaadee waan hin beekneef gara of beeksisuutti dhufuuf baayyee fedhii hin qabun ture,’’ jedha.

“Ani dheerina kanaan beekamee faayidaa maal qaba? jedhee waan yaaduuf gara miidiyaa kanalleen dhufee hin beeku,’’ kan jedhu Awwaluun, ‘’Eega Nagawoon beekameen duuba namootni naannoo kiyyaa ‘dhaqiitii safarami rikardii kuni kan kee taha’ jedhanii jennaan amma Finfinneetti safaramee hagana tahe,” jedha.

Akkuma Nagawoofaa Awwaluufis rakkoo cimaan geejjiba fayyadamuu irratti.

”Konkolaataa yeroon seenu yookaan jilba naqaba, yookaan mataa gadi naqaba. Yeroo tokko tokko konkolaachistoonni sababa bakka qabatta jedhuun na fe’uuf fedhii hin qaban. Yeroo kaan ammoo kan nama lamaas ta’u kanfaleen imala,” jedha.

Dargaggoon kun, “Ani Nagawoo Jimaa seentimeetira kudhaniin waanin caaluuf Itoophiyaa keessaa dheerinaan tokkoffaan ana,” jechuun dubbata.

Rikardii Nagawoodhaan qabamee jiru gara isaatti jijjiirsisuufis dhaabbata Galmee Dinqisiisoo Afrikaa waliin qunnamtii akka jalqaabeefi dhihootti waraqaa ragaa argachuufis abdateera.

Kophee lakkoofsa 50 ta’e akka godhatuufi sababa qe’een isaanii gara daangaa Keeniyaatti dhihaatuuf kophee isaaf ta’u gatiin olka’uun alatti dhabee rakkatee akka hin beeknes hima.

Dheeraan Gujiirraa bahe kun abbaa rikardii dheerinaa, Nagawoo Jimaa qaamaan argatee waliin haasa’uuf barbaacharra akka jirus dubbata.

“Nagawoon ilma Oromooti nan jaaladha. Aniifi inni dheerinaan waalitti dhihaanna. Silaa qaamaan isa argadhee fedhii nama ija keessaa ilaalaa itti haasa’uuf qabu naaf baha ture.

Nama hunda gadi ilaalaan itti haasa’a. Nama guddaafaa yoo ta’u namatti ulfaata. Isa garuu ijumaan wallaalaa haaasofnaayyu,” jedha Awwaluun.

Awwaluu Buxxuulaa

Dheerinni isaafi ulfaatinni isaas yeroodhaa yerootti dabalaa akka jiruufi fuula duratti kana caalaa akka dabaluu danda’us hima.

Awwaluun karra abbaa isaa dhaaluuf barumsa dhiisee qe’eetti deebi’uun ijoollummaan erga bulti horatee amma abbaa ijoollee lamaati.

Maatii isaa keessa namni dheeraan akka isaa akka hin jirreefi warri ollaa fi maatiin dheerina isaa kana kennaa Waaqaati jedhanii akka jaalataniifis dubbata.

Related Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *