Kaleen dalagaa hedduu qabdi. Ammaaf dalagaa ishee kan bifa fincaanitiin xuraawaa dhiiga keessaa qulqulleessuu irratti haa xiyyeeffannu. Fincaan wantoota garagaraa of keessaa qaba. Kanneen keessaa cirrachawwan hangi isaanii baay’ee xixiqqoo (waan akka ashawaa) ta’anii isa tokkoo dha. UUmamaan cirrachawwan kunneen dhiqamanii fincaan waliin gara alaatti bahu. Yeroo tokko tokko cirrachi xixiqqoon kunneen walirratti tuulamuun cirracha guddaa fincaanii waliin bahuu hin dandeenye uumu. Cirrachi kun kalee keessaa gadi bu’ee, ujummoo kalee keessatti rakkachuun mallattoolee dhibee cirracha kalee fiduu danda’a.
Cirrachi kalee, irra guddaa kalee keessatti haa uumamu malee, qaamolee sirna fincaanii (urinary system) kanneen akka ujummoo kalee, afuuffee fincaanii fi ujummoo (ujum’oo) fincaanii keessattis uumamuu danda’a.
MALLATTOOLEE:
Cirrachi kalee yeroo baay’ee mallattoo hin agarsiisu. Garuu, yoo gadi bu’ee ujummoo kalee keessatti rakkate, mallattoolee armaan gadii qabaachuu danda’a.
Dhukkubbii lafee cinaachaa jalaa fi mundhii. Dhukkubbiin kun gara dugdaatti ykn gara nafsaalaatti faca’uu danda’a.
Qaama ho’isuu (yoo infeekshiniin irratti dabalame).
Oldeebisiisuu fedhuu ykn oldeebisiisuu.
Fincaan amma amma fincoofsisuu.
Fincaan nama gubuu.
Halluun fincaanii jijjiiramuu.
SABABOOTA DHIBEE KANAAF NAMA SAAXILUU DANDA’AN:
Nyaata tokko tokko (fkn pirootinii baay’isuu).
Ashaboo baay’isuu.
Furdina akka malee.
Bishaan gahaa dhuguu dhiisuu.
Qorichoota tokko tokko.
Dhibee biraa qabaachuu. Fkn dhibee sukkaaraa.
Infeekshinii qaamolee sirna fincaanii.
Ispoortii cimaa (fkn fiigicha maraatoonii).
Sanyii fi kan biroo.
MALOOTA DHIBEE KANA HIR’ISUUF GARGAARAN:
Bishaan gahaa dhuguu.
Kuduraa fi muduraa baay’inaan fayyadamuu.
Ashaboo xiqqeessuu.
Ulfaatina akka malee (obesity) hir’isuu.
YAALA ISAA:
Qorichoota farra dhukkubbii (yoo dhukkubbiin jiraate).
Qorichoota farra diddigaa (yoo oldeebisiisa ta’e).
Bishaan gahaa dhuguu.
Cirracha caccabsanii fincaan waliin akka yaa’u gochuu.
Yaala baqaqsanii yaaluu fi ka biroo.
Dhumarratti, maamila kiyya gaafii kana na gaafateef gorsin ani qabu, bakka ‘ispeeshaalistiin’ sirna fincaanii (urologist) jiru deemtee yoo ilaalamte siif wayya.
Dr. Abbaayyaa Biirruu