Maqaan ko Saaraa jedhama

Hiriyaa dhiiraan qaban ture osoo kutaa 7ffaa barannuu Wal barree….waan nama dhibuu nu lachuu maatiin keenya harkaa qalleeyyi dha ….

Ifaa jedhama…maatii isaa gargaaruuf listroo hojjeta waliin baranna turree…maatii isaa qofa osoo hin taanee,anallee bayee na gargaara. osoo jennuu kutaa 10ffaa qabxiin hin dhufneef ture.

Ani kutaa 11fi 12 ammaan baradhu barattee atimmoo na barsiifta jedhee ..barnoota dhiisee listroo isaa hojjaata na gargaara ture….qabxiin seensa university naaf dhuufnaan Ani gara university deeme.

Innis na geesse Amman qilleensa baruutti torbe lama achuma turee…..birrii uqubii baheef gutummaa isaa naaf kennee….gara biyyattii deebi’ee….boonyee gargar baanee….aniis baruumsaa koon eegale….eegaan ji’oota muraasa baraadhe booda… barsiisaa gibbiicha waliin Wal bara…osoo hin beekiin barsisichaa waliin jalaala egalle..bayee sodaata Isa walii wajjiin tokko jedhe jalaala egalle…ifaa dhaaf bilbilaa kaasuu hirdhiisaan dhufe….osoo jedhu bilbila isaa ifaan beekuu gateen barsiisaa gibbi kana waliin bulti ijaaradhe….ifaan bayee Akka gaddeef dhagahee Akka bayee dhukkubsatee mucaan nu lachuu beeku tokko natti hime….hoomaa gochuu hin dandeenye….turtii boodaa dirqama maatii Kee na barsiisi jedhe.

Innii Ani university itti itti herumee na fuudhee biyyaa gaafa deemnuu…mucaa magaala wayii lastikii maraatee ayilandi guuraa deemu itti gala magaala keenya irraatti argee….Nan rifadhe…itti siiqee ilaaluf jedheen konkolaachisaa keenyan naaf dhaabin jedheen….gafaan ilaalu ifaadha ilkaan isaa kaarruu sanaan bareen…Nan adoodee….naasuu lafaan lixxun dhabee…boo’ee boo’een dadhabee….maal akkan godhuun walaale….mee na gorsaa maal gochuun qaba …bultiikoo isaa kana dhiisee ifaa yalchiisuu moo…akkam godhuu…yaada keessan naaf Kenna …Yoon garaa ifaatti deebi’ee fayyuu danda’a? uuff mee maal godhu. Yaada Keessan Naaf Qooda.

Related Posts

One thought on “Amanuun Dadhabe

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *